Date: 3/6/2006
Source:
Title: Finfinneefi Oromummaa
Seenaa Biyyattii keenya kanaatti saboota seenaasaanii dhokfamuufi baduuf yaalii cimaan sirna nafxanyaan irratti godhamaa ture keessaa sabni Oromoo iddoo olaanaa qabata. Oromoon Itoophiyaa qofaatti utuu hintaane kaaba Baha Afrikaatti saba guddaa ta’uunsaa ragaan mul’isu baay’een utuu jiruu eenyummaasaa gatee, seenaasaa dagatee, abbaa biyyummaafi diinagdummaasaa irraanfatee sirna nafxanyaaf gabbaree akka jiraatu godhameera. Oromoon akka sabaatti jaarraa tokkoof gama yaad-qalbiin, siyaasaan, diinagdeen, aadaan, kkf sarbamaafi gidiraa irra gahaa tureen waan kansaa ta’errattillee mormii kaasuu hanga dadhabuu gahee ture. Akkuma hawaasaattuu mallattooniifi iddoon seenaa uummatichaa akka baduufi manca’uuf sochiin godhamaa ture itti fufiinsaan waan tureef dhaloonni labataan dhufu “seenaan kun kan saba kootitii” jedhee hanga shakkuu qaqqabeera.Jaarraa dabre keessatti, Oromoon abbaa biyyummaafi hundee biyyattii ta’uunsaa dagatamee akka cirracha lagaa hammaaramee faca’eetti “waa’een biyya kanaa sin galchu, Itoophiyaan kan saba aadaafi afaan tokkooti” jedhamee hirmaannaa siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa biyyattii irraa qarqaratti qabamee (marginalized) tureera. Sababa kanaan sabichi gadadoo gama hundaan irra gahuun seenaan, maqaan lafasaa, malkaasaa, horiisaa, muudaansaa, gabaansaa, kkf jalaa geeddaramee “kan kee miti” jedhamee umrii jaarraa tokkoo lakkoofsiseera. Oromoon kansaa waan ta’e hunda mulqamee “dhuguma kan isaanitii?” jedhee hanga deebisee of gaafachuu gahutti jiraateera. Haata’uutii gadi fageenyummaafi gabbina sammuu maanguddoota Oromootiifi barreessitoota Awuroophaatii haa toluutii akka nafxanyaan karoorfate sana eenyummaan Oromoo hinbadne. Akkuma Oromoon jedhu sana “Ijji baddu iddoon ijaa hinbaddu” jedhu sana ta’ee seenaan Oromoo haala addaddaatiin facaatee turte walitti suphamtee ifaa jirti. Akka hayyuu seenaa Oromoo, Ob. Alamaayyoo Hayilee, baanan sana “seenaan waggaa 120 seenaa waggoota kumaatamaa hindhoksu.”Seenaa Oromoo keessaa hanga yeroo dhihootti abbaa biyyummaan Oromoo ganamee, mirgiifi abbummaansaa gatamee ture keessaa tokko waa’ee FINFINNEEti. Maqaaniifi magaalaan Finfinnee jedhu akka waan waaqaa bu’ee Oromiyaa gidduu taa’eetti himamaa tureera. Seenaan magaalattii shoora Oromootiin diinagdeefi lafa Oromoorratti kan hundoofte ta’uu haaluun seenaa isaaniif tolu barreessuun (construct) dhaloota nafxanyaas ta’ee kan Oromoo burjaajessaniiru.Yaadni saanii kun akka milkaa’uuf humna qabaniin fayyadamuun kitaabolee addaddaatiin seenaa madaallii kamiiniyyuu Finfinnee waliin walqabachuu hindandeenye barreessanii dhaloonni kun akka raata’uufi eenyummaan Oromoo akka badu yaalaniiru. Kitaabeen komishina Turizimii Itoophiyaa, mata duree “Addis Ababa, a pocket Guide to Ethiopian Capital City” jedhuun bara 1987 barreeffamte tokko,“The story of the foundation of Addis Ababa begun in the late 1870’s when Menelik marched south ward from Ankober, the old capital of Shoa, and establish his camp at Wechacha... several years later in 1881 the ruins of an old town believed to have been the capital of the 16th centurey monarch Lebna Dengel were discovered on Entoto...” jechuun barreesseera. Yaadni barreeffama kanaa gabaabinaan yoo ilaalamu jaarraa 16ffaa keessaa magaalaa mooticha Libna Dingil turte bara 1881 caccabaanshii Inxooxxoo irratti argame. Seenaa hundeeffama Finfinnees kanarraa ka’aadha. Kun akkamiin ta’a??Kitaabni biraa Afaan lamaan (Ingiliffaafi Amaariffaan) bara 1942 bulchiinsa magaalaa Finfinneetiin, mata duree |yxÄþS xbÆ mSwT” jedhuun barreeffames,yxþT×eà ê kt¥ãC xm¿‰rT K bzþH xµ*ºN oF‰ sþlw_ sþÃ¥R_ köy bº§ b1878 ›M bÄ/MnþLK xúbþnT kt¥W b_qET gþz¤ XNõõ §Y tm¿rt”” wÄþÃWM kXNõõ ZQ BlÖ xhùN ÆlW dLħ oF‰ §Y sþktM b¤t mNGStÜM NgùS œHl o§s¤ qdM BlW bzþhù oF‰ xDRgW œl “bzþH ï yLJ LË YnGSbL\ nUT YmbL´ BlW TNbþT tÂGrW nbR yXGzþˆBÿRM fÝD Slçn b¤t mNGStÜ bzþhù oF‰ tm¿rt””´ jechuun, abjuu akaakayyuun Miniilik argeen kan hundeeffamte ta’uufi, raagni Saahila Sillaasees raawwachuusaa kan ibsuudha.Haaluma wal fakkaatuun weeb saayitiin bulchiinsa magaalaa Finfinnee ammaa kun, mata-duree “History of Addis” jedhuun barreeffamni seenaa Finfinneeti jechuun barreessee Wax/2005 baafnes, haala jarreen kun kaa’an kan deeggaru fakkaata. Barreeffamichis akkaataa armaan gadiitti dubbifama.“... The site he [Menelik II] had chosen was said to have seen the location of the capital of the 15th century Monarch, Atse Dawit. This fact, according to legend, is confirmed by a manuscript found in one of the Monastries of lake Ziway; And was a reason enough to reverse Meneliks earlier choice, Wochecha, still on the mountain range, but far the West”Haala barreeffamni kun kaa’een iddoon Miniilik filate kun iddoo Atsee Daawiit jaarraa 15 keessa magaalaa guddittii godhate ture. Kunis barreeffama bataskaana Haroo Ziwaay irraa argameen kan deeggarameedha jedha. Barreeffamoonni biroos haala wal fakkaataan barreessanis jiru.Haata’uutii barreeffamoonni haala kanaan barreeffaman kun hunduu abbaa biyyummaa Oromoo dhoksuuf iddoo addaddaa taabbisu. Takka raaga Saahila Sillaasee, yeroo kaan duraanis jaarraa 16ffaa irratti teessoo Atsee Libna Dingil, turaniimmoo jaarraa 15ffaa keessa teessoo Atsee Daawit jechuun waan wal qabachuu hindandeenye kaa’u. Inxooxxoon kanaan dura teessoo Libna Dingilis ta’ee kan Daawiit yoo taate hambaan dhagaa ykn ijaarsaa kana agarsiisu akkamiin ijaarsa Aksuum, Laalibalaa, maaliif hinmul’anne? maalis ta’u kaayoonsaa ifa waan ta’eef, gara qabxii kaanefitti “Finfinneefi hariiroo eenyummaa Oromoo”tti haa deebinu.Seenaa Oromummaa Finfinneefi abbaa biyyummaa Oromoo ilaalchisee ragaalee dhugaa walqabachiisuu danda’ani irratti shakkiin tokkollee kan hinjirre ta’uun beekamus, dubbichi afoola qilleensa irratti haasa’amu fakkaachuu waan hinqabaanneef seenaa Finfinnee Oromoo wajjin walitti hidhu haala armaan gadiitti dhiyeessina. Barreeffama kana dhiyeessuuf hayyoota seenaa addaddaa kan dubbifane yoo ta’u, dhimma kanaaf garuu Biiroo gurmaa’ina uummataa, aadaa, Ispoortiifi Dhimma hawaasummaa Oromiyaatti dursaa garee seenaa, ob. Alamaayyoo Hayilee waan nutti himan bal’inaan itti fayyadamneerra.Maqaan “Finfinne” jedhu jecha Afaan Oromoo yoo ta’u, kunis moggaafama Hora Finfinnee irraa kan ka’uudha. Akka Ob. Alamaayyoon maanguddoota Oromooraa dhagaheera jedhanitti ka’uumsi moggaasa Hora kanaa, yommuu sanatti Tulluu Eegdhuu, Dildila, Eekkaafi goodaa Furii irra dhaabatanii yommuu ilaalan horri kun akka aaraa ol finiina. Kanarraa kan ka’e hora kana maqaa kanaan waaman, Oromoonis naannoo kana maqaa kanaan waame.Horri kun aadaafi seenaa, amantiifi diinagdee Oromoo keessatti iddoo olaanaa qaba. Finfinne (horri) hora jahan waaqayyoo jedhamanii Oromoon beekaman: Har-sadii, Finfinne, kiilolee, Erar, Hadhoo, fi Warxoo keessaa tokko yoo taatu tulluu saddeettan waaqayyoo jedhee Oromoon waamuun marfamtee jirti. Horri Finfinnee seenaa Oromoo keessatti hora hunda caala ulfoo turte. Sababa Oromoon aadaafi sochii gara horaatti godhu Finfinnerraa kuteef Horri Har-sadii yeroo keessa aangoo kana fudhachuu jalqabde.Akkuma beekamu Oromoon aadaa diinagdee looniisaa waliin wal qabatee Horaaf ulfina guddaa qaba. Horri kan biyyaati; wal hinlagatu, wal hindhoowwatu. Kanaaf jecha naannoo jirurraa horiisaa ooffatee Finfinneetti godaana ture. Seenaan akka beekamutti Hora Finfinneetii ka’ee hanga Basaqa (Aqaaqii ammaa) gahutti lafti jiru arda horaa ture. Ardi horaa kun laga Qabbanaan walqabatee hanga lafa Boolee Bulbulaa jedhamee waamamu hundaatti walitti fulla’a. Akka hayyuun seenaa kun maanguddoota irraa dhagahe jedhanitti horri kun maddisaa Daalattii (Araat kiiloo) jala kan jiru ardaa warra Duulaa Arra’eetii gadi bakka amma Fil-wuhaa jedhamu ykn Hoteelli Sharaatan irratti ijaarame.Dur maqaadhaan Oromoon Finfinnee kan jedhuun naannoodhuma amma “Filwuhaa” jedhamee beekamu kana. Yeroo booda magaalaan babal’atee dimshaashaan maqaa ardoota biroo dhuunfatte malee “Finfinne” iddoodhuma hora sanaati. Akka seenaan beekamutti Oromoon uummata dursaan iddoo kana ture (indegenous people) yoo ta’u, Oromoon Tuulamaa abbaa arda kanaati. Akka jarri seenaa jaarraa 15ffaa fi 16ffaa kaasuun magaalaa mootii Daawitiifi Libna Dingil jedhan sana utuu hintaane hanga yeroo dhihootti lafa qonnaafi margaa Oromoo Tuulamaa kan turte yoo ta’u, kan kanarraa hafe lafa bosona magariisaan kan qabame ture.Gosa Oromoo Tuulamaa Finfinneefi naannoo ishii qabatanii hanga har’aatti jiran keessaa irra caalaan warra Obooti. Torban Oboo jedhamanii kan waamaman keessaa warri angafaa warra Gumbichuuti. Itti’aansuun kurnan Gullallee warri jedhaman jiru. Sadaffaan warri Eekkaas qubatanii jiru. Kurnan Gullallee keessaa immoo irra caalaan iddoo kana qubatee kan jiru Mana Aabbuufi Beerooti. Hidda dhaloota Oromoo Tuulamaa naannoo Finfinnee kana qubate caala ifa akka ta’uuf taatoo Fuula 11 irra jiru ilaaluun gaarii ta’a.Akkaataa qubannaa gosoota Oromoo kanaa Hora-Finfinnee irra dhaabannee yoo ilaalle, gara olaanuun Gumbichuu-4n, gara Bahaan (laga Qabbanaa gama) Eekka-3n , gara kaaba Dhihaatiin Gullallee -10n, gara kibbaan (Booleen qabatee qubatee kan jiru) Galaan -6n. Finfinnee kana qubatanii kan jiran ilmaan Daacii Tuulamaa yoo ta’an abbaan ardaa kanaa garuu Obo-7n keessayyuu Guullallee-10n. Kanaan alatti Oromoon Gumbichuu-4n fi sadeen Eekkaas wal makanii irra jiru ture.Kanaaf latiinsa hidda dhaloota kanarraa yoo kaanu lafa amma Finfinne jedhamtee waamamtu kanarra hanga dhufaatii Miniilikitti Oromoodha jedhanii dubbachuuf haalli nama dhoowwu hinjiru. Oro
cThe Oromia State Government Wonderful Amazons Fucking Wonderful v t Amazons
fThe Oromia State Government Wonderful Amazons Fucking Wonderful d Wonderful
|